Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaan gahee Garmalee Doolaarri Ameerikaa Diinagdee Addunyaa keessatti qabu qeeqan

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaan gahee garmalee Doolaarri Ameerikaa Diinagdee Addunyaa keessatti qabu qeeqaniiru.

Pireezidaanti Luulaa Daa Siilvaan daawwannaa hojii Chaayinaatti wayita taasiisan eenyutu Doolaarri qofti Sharafa akka ta’u murteesse jechuun komii qaban kaasaniiru.

Doolaarri Ameerikaa qofti sharafa gabaa addunyaa ta’uun isaa sirrii akka hin taane mormaniiru.

Doolaarri qofti Diinagdee addunyaa keessatti gahee garmalee akka qabaatu taasifamuu isaatti Dhaabbata Maallaqa Addunyaa komataniiru.

Biyyoonni hedduun oomisha alatti erguuf maallaqa isaanii fayyadamuu caalaa Sharafa Doolaaraa barbaachatti yeroo isaanii kan fixan ta ‘uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.