Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Joo Baayidan Pireezidaanti Shii Jiinpiing waliin mari’achuufi

Finfinne,Sadaasa 2 ,2015 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari’achuuf ta’uu ibsame.

Pireezidaantoonni lameen yeroo jalqabaaf torbee dhufu Yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 Indooneezhiyaatti gaggeeffamurratti wal arguun mari’achuufi jedhame.

Mariin Joo Baayidanii fi Shii Jiinpiing yaa’icha cinaatti dhimmoota waloorratti taasiisan hariiroo biyyoota lamaanii atakaroo keessa ture haaromsuuf carraa uuma jedhameera.

Qaamoleen lameen Wiixata dhufu wal arguun dhimoota naannawaa fi idil addunyaarratti bal’inaan kan mari’atan ta’uu Pirees Seekreetariin Waayit Hawuus Kaariin Shiin Piiyaar ibsa gaazexeessitootaaf laatanii himuu RT gabaaseera.

Gama biroon Dura taa’aan humna waraanaa waloo Ameerikaa Maark Miileey, Peentaagoon tumsa nageenyaa Taayiwaan waliin qabdu kan cimsituu fi deeggarsa meeshaalee waraanaa fi leenjii loltummaa laachuu kan itti fuftu ta’uu eeraniiru.

Chaayinaan olaantummaa waraanaa idil addunyaa goonfachuuf haleellaa Odola Taayiwaanirratti taasiiftu akka dhaabdu akeekkachiisaniiru.

Pireezidaanti Joo Baayidan gita isaanii Chaayinaa waliin dhimma Taayiwaan ilaalchisee kan mari’atan ta’uu fi Imaammata Chaayinaa Tokkoo kan kabajan ta’uu dubbataniiru.

Chaayinaan waliin morkii fayyaalessa malee walitti bu’iinsa hin barbaannu jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.