Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Baayidan Yuukreen Meeshaalee Waraanaa Ameerikaan iddoolee qiyyeeffannaa Raashiyaa akka haleeltu eeyyaman

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Yuukreen Meeshaalee Waraanaa Ameerikaan iddoolee qiyyeeffannaa Raashiyaa akka haleeltu eeyyamuu Aanga’oonni Ameerikaa ibsan.

Amma Yuukreen xiyyaara waraanaa Raashiyaa isaan haleeluuf balali’an achuma Raashiyaa keessatti kuffisuu ni dandeessan jedhame.

Waraanni Raashiyaa haleellaa tasaa tibbana naannawaa daangaatti taasiiseen Bulchiinsa Kaarkiivitti injifannoo olaanaa galmeessuu eerameera.

Haleellaa Raashiyaan raawwatte kanaan lubbuun namoota nagaa 3 darbuu fi namoonni 16 ammoo madaa’uu aanga’oonni Yuukreen himaniiru.

Biyyoonni michuu Ameerikaa hedduun Yuukreen deeggarsa meeshaalee argatte fayyadamuun daangaa Raashiyaa akka haleeltu eeyyamuuf mallattoo agarsiisaa jiru jedhame.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin biyyoonni xixiqqoon Awurooppaa gochaa kanaan akka gaabbaan akeekkachiisaniiru.

Yuukreen karaa bahaan haleellaa Raashiyaa dandamachuu dadhabdee duubatti foqoqaa jirti.

Karaa Kaabanis magaala guddinaan lammaffaa taate, Kaarkiiv guyyaa guyyaan misaa’ela Raashiyaan haleellamaa jiraachuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.