Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Gamtaa Talaallii Gaavii waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Hojii Rawwachiisaa Olaanaa Gamtaa Talaallii Gaavii Dooktar Seet Barkileeyiin waliin mari’atan.
Mariin isaanii tumsa Ityoophiyaafi Gaavii gidduu jiruufi mul’ata tarsiimawaa “daa’imman talaallii fudhatanii hin beekne (Zeeroo Dooz) 2021-2025” jedhamu waliin gahuuf deeggarsa Ityoophiyaan taasistu irratti xiyyeeffachuu ibsameera.
Biyyoota dhaabbatichi deeggarsa maallaqaa taasisuuf keessaa Ityoophiyaan sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu ta’uu ragaan waajjira Pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.
Pireezidaant Saahilawarq deeggarsa dhaabbatichi Ityoophiyaatti taasisuuf galateeffachuun, Ityoophiyaan uwwisa talaallii guddisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.