Fana: At a Speed of Life!

Pireezdaanti Shii Jiinping Pireezidaantii Yukireen waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC)- Pireezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinping Pireezidaantii Yukireen Vooloodmiir Zeleniskii waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Marii hoggantoonni lamaan taasisan kun erga waraanni Yukireen fi Raashiyaa jalqabee kan jalqabaa ta’uun eerameera.

Pireezidaanti Shiin, haala siyaasaa Kiyeev kan to’atu fi biyyoota lameen gidduu hariiroo jiru cimsuuf jalaa gara Kiyeevitti erguuf karoorfachuu ibsaniiru.

Pireezidaanti Zeleniskiin gama isaaniitiin, Chaayinaan dippilomaatota gara Kiyeev erguuf karoorfachuun, hariiroo dippilomaasummaa biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uu gama tiwiitara isaaniin beeksisaniiru.

Akka miidiyaaleen Chaayinaa gabaasnitti, mariin bilbilaa kun affeerraa Pireezdaanti Zeleniskiin ta’uu fi mootummaan Chaayinaa waraana Yukireen fi Raashiyaa gidduu jiru furmaata akka argatuuf Chaayinaan gahee ishee akkabahattu beeksisaniiru.

Waraana Yukireen fi Raashiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiru keessatti Chaayinaan ejjennoo walabaa qabaachuu fi waraanichi karaa nagaan furmaata argachuu akka qabu ibsuu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.