Fana: At a Speed of Life!

Pir. Shimallis Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 4ffaan milkiin xumuramuu ergaa gammachuu dabarsan

 

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Guutinsi Bishaan Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa marsaa 4ffaan milkiin xumuramuu ergaa gammachuu dabarsaniiru.

Guutiinsi Bishaanii marsaa 4ffaa fi xummuraa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa milka’inaan xummuramuutti gammachuu guddaan natti dhagahameera jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaiin.

Milka’ina argameen Ummata biyya keenyaafi deeggartoota misooma keenya maraan baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada jedhan.

Misiraachoon jala bultii bara haaraatti argame kun, waggaa haaraa gammachuun akka jalqabnufi karoora qabanne kutannoon akka raawwannu kan nu taasisuudha jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.