Pir. Shimallis Abdiisaan irra deebiin waamicha nageenyaa dhiyeessan
Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan qaamolee hidhannoon naannicha keessa socho’aniif irra deebiin waamicha nageenya dhiyeessaniiru.
Qe’ee Oromootiif Nageenyatu Mala! jedhan.
Har’a boqonnaa hiree ofii afaan qawweefi qabsoo bosonaa keessa barbaadurra hinjiru jechuun ibsan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Qe’ee Oromootiif Nageenyatu Mala!
Nagaa, nagaa, ammas nagaa kan jennuuf, fakkeessuuf ykn akkkeessuuf miti. Akka ummataatti, osoo sirna guddaa akka Gadaa, nurra darbee dhibee siyaasaa hawaasa biroofillee qoricha tahuu danda’u qabnuu, dhabaa fakkaachaa jirra.
Akka namaatti, hiree nagaan jiraachuufi naannoo tasgabba’aa keessatti hojjechuu seeraan nuuf kenname osoo qabnuu, seeraa alummaan goolamaa jirra.
Har’i kaleessa miti. Har’a ummanni Oromoo hiree qabsoo kitimaa guddaa kaffalchiiseen mirkaneeffate qaba. Har’a boqonnaa hiree ofii afaan qawweefi qabsoo bosonaa keessa barbaadurra hinjiru.
Boqonnaa jijjiiramaa keessa jirru kanatti, dirreen siyaasaa daandii qabsoo karaa nagaaf mijatu banameera. Abbaan birmadummaa aangoo heera mootummaatiin ummataaf kenname, qabatamaan akka hojiirra oolu taheera.
Ummanni filannoo yaadaafi sagantaa siyaasaa dhiyaateefirratti hundaa’ee qaama isaaf tahu filachuu danda’eera. Ammas taanaan daandiin kun wabii heeraafi seerotaa murteessaa kan qabuudha.
Haatahu malee, hiree ummanni wareegamaan argate kun, yeroo kanatti, humna hidhatee bosona jiruun goolamaa jira.
Jilbaafi gadameessi dhaloota ofii gumaacheen shororkaa’uun, ija namaafi fuula Uumaa duratti qaaniifi salphina guddaadha. Ajjeechaafi miidhaa qaamaa suukanneessaan maanguddoota, gaheessota, dubartootaafi daa’imman irratti raawwatame godaannisa hamaadha.
Saamichaafi mancaatiin qabeenya qe’ee Oromoo waggoottan afran darban qofatti raawwatames, kan kaleessa qabnuufi kan har’a horachaa jirru baay’ee dhabamsiiseera.
Nuti akka humna ummataan ijaarameefi itti gaafatamummaan itti dhaga’amuutti, “dubbiin karaa nagaa xumura argachuu qaba; nagaafi tasgabbiin mirkanaa’uu qaba” kan jennuuf, sababa malee miti. Dararaan hamaan ummata guddaa kanarra gahaa jiru akka dhaabbatu, hireen nagaan bahee galuufi hojjetee guddachuu akka mirkanaa’u barbaanna. Kanaafis cichinee qabsa’aa jirra.
Qabsoo Oromoon kaleessa wareegama qaalii itti kaffale, har’a carraa filannoo siyaasa ammayyaa umeera. Boqonnaa jijjiiramaa kanatti, dirreen siyaasaa banamuu isaatiin, uggurri yaadaa, ukkaamsi mirgaafi cunqursi ilaalcha siyaasaa ta’e tarkaanfachiisun kan ka’e, dhala namaarra gahaa ture amma seenaa taheera.
Hireen yaada bilisaan tarkaanfachiisuu, dirree dorgommii yaadaa umamerratti sagantaa qabsoo siyaasaatiin dorgomuun, aangoo qabachuufi ummata tajaajiluun umameera. Seeronniifi sirnoonni kana tumsanis diriirfamaniiru. Dhaabbilee ciccimoo itti fufiinsa hiree kanaa mirkaneessan ijaaruurrattis hojjetamaa jira.
Kanaafuu, boqonnaa kanatti, gaaffiin qabsoo Oromoo qawwee kaasisuufi kitimaa lubbuu dabalataan kaffaluu barbaachisu hinjiru.
Badii kaleessa sirnoota dhufaa darbaaniin ummata keenyarra gahaa ture balaaleffachaa, har’a hiree ummanni keenya wareegamaan argate gufachiisuuf dhukaasuun maaliif barbaachise? Qe’een itti dhalannee kabajaan keessatti guddanne akka goolamu, umriin dararaafi salphinaa akka itti dheeratu gochuun maaliif barbaadame?
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, aangoo heera mootummaan kennameef irratti hundaa’ee ol’aantummaa seeraa kabachiisuun nageenya ummataa mirkaneessuu cinaatti, duudhaa ummataatiin rakkoo karaa nagaa furuuf yeroo adda addaa waamicha karaa nagaa waldhabuu goolabuu irra deddeebiin dabarsaa kan ture tahuun niyaadatama.
Waamicha mootummaa kana hordofee hidhattoonni humna Shanee kumaatamaan lakka’aman waamicha nageenyaa fudhatanii galuudhaan leenjii haaromsa hordofanii ummatatti makamaniiru.
Ammas kumaatamaan kan lakka’aman haaromsarra jiru.
Mootummaan dargaggoota hidhatanii bosona turaniifi daandii nagaa filatanii nagan galaniif kabaja namummaafi duudhaa ummatummaa guddaa agasiiseera; ammas taanaan nagaan simatee haaromsuun kabaja maluuf goonfachiisurratti argama.
Haaromsaan booda, ummatatti makuun hojii deebisanii dhaabuu hojjechaa jira. Yeroo ittaanuttis hojii walfakkaatu cimsee kan itti fufu ta’uu isiniif mirkaneessun fedha.
Boqonnaa gadoo, mufiifi waldhabdee cufuun, boqonnaa waliigaltee umuuf, waltajjiin marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaan nuuf dhiyaateera.
Mootummaafi ummanni biyyattii mariifi marabbaa akka fala furmaataa tokkotti qabatanii tumsaa jiru. Aadaa siyaasaa boodatti hafaa irraa, gara boqonnaa mariifi marabbaan dhibdee fixachuutti cehuuf imala eegalaniiru.
Kanaafuu, anis carraa kanatti fayyadamee, waldhabuu kamuu filannoo daandii nagaatiin akka furannu, dararaa ajjeechaafi saamichaa humna riphee loltootaatiin ummata keenyarra gahu dhaabuun, qe’een Oromoo akka tasgabbaa’uuf irra deebiin waamicha nagaan dabarsa.
Ammas akkuma kaleessaa warra daandii nagaa filattanii gara ummata keessaniitti deebi’uuf qophooftan hundaaf harki mootummaa nagaaf diriire hindachaanee kottaa jechuun fedha! Akkuma baranneefi gochaa jirru, kabaja dhala namaaf maluufi duudhaa ummata keenyaatiin isin simachuuf qophii tahuu ammas irra deebiin dhaamuun barbaada.
Qe’ee Oromootiif nageenyatu mala!
Harki mootummaa nagaaf diriire ammas hindachaane!
#Oromia #Ethiopia