Fana: At a Speed of Life!

Pir. Shimallis Abdiisaan Aanaa Liibanitti sassaabbii oomisha Qamadii eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 27, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Godina Boorana Bahaa Aanaa Liibanitti sassaabbii oomisha Qamadii eegalchiisaniiru.

Godinichatti Qamadiin lafa hektaara kuma 71 irratti misoome sassaabamaa jira jedhame.

Qamadiin kunis Kilaasteraan kan misoome ta’uu eerameera.

Godinichatti waliigala callaan Kuntaallii miiliyoonni 2 ol kan eegamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Borana Bahaa Obbo Masqaluu Tulluun himaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii fi Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee fi hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa biroon sassaabbii oomisha Qamadii kana waloon eegalchiisaniiru.

Maraa’ool Kadirii fi Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.