Fana: At a Speed of Life!

Pilaaniin Hogganamuu Dhabuun Magaalotaa Qisaasama qabeenyaa fi Rakkoo Bulchiinsa Gaariif Magaalota saaxile – IPMO

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Pilaaniin Hogganamuu Dhabuun Magaalotaa Qisaasama qabeenyaa fi Rakkoo Bulchiinsa Gaariif Magaalota saaxiluu Inistiityuutiin Pilaanii magaaloota Oromiyaa ibse.

Magaalonni Baha Oromiyaa Godinoota Harargee Lamaan keessatti argamanis hanga ammatti pilaaniin gaggeeffamuu dhabuu isaaniitin rakkoolee garaagaraaf saaxilamaa akka jiran, Leenjii humna raawwachiisummaa hoggantoota fi Ogeeyyii pilaanii Magaalota Damee Bahaaf kennamaa jirurratti ibsameera.

Magaalonni Pilaaniin yoo gaggeeffaman imala Badhaadhina biyyi qabatee deemaa jirtu salphaatti milkeessuun ni danda’ama jedhan Inistiityuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatti Itti Aanaan Daayrekteraa Obbo Ahimad Toofiq Mahaammed.

Damicha jala magaalonni 80 ta’an jiraachuu himuun imala guddina isaanii itti fufsiisuuf qaamoolee dhimmi ilaaltu hunda hirmachisuun hojjetamaa jiraachuu Inistiityuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Bahaa obbo Waaqumaa Namoomsaan eeraniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.