Fana: At a Speed of Life!

PDT waraana ABUT yeroo 3ffaaf bane balaaleffate

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Paartiin Diimookiraatawaa Tigraay waraana ABUT yeroo 3ffaaf biyyarratti bane balaaleffateera.
Gareen shororkeessaa ABUT garee farra nageenyaa uummataa fi biyyaa dandaa hin qabne ta’uu isaa hawaasni idil addunyaa hubachuu akka qabu eereera.
Garichi boba’aa liitirii kuma dhibba 5 fi kuma 70 saamuun isaa uummataaf dhimma kan hin qabne ta’uu mul’isa jedheera.
Paartichi Waraana gareen shororkeessaa ABUT biyyaa fi uummata irratti jalqabe kana kan balaaleffate yoo ta’uu, miidhaa waraanichaan gahuu hundaaf ABUT itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jedheera.
Tarkaanfii mootummaan nageenya biyyaa fi uummata kabachiisuuf fudhatu hundaa kan deeggaru ta’uu eereera.
Nageenya waraanaa mirkaneessuuf tarkaanfii fudhatamu hunda kan tumsu ta’uus ibseera.
Hidhattoonni garicha dirqiin waraanatti hirmaachaa jiran qawwee isaanii gara hoggantoota garee shororkeessaa ABUT akka naanneeffatan gaafateera.
Hidhattoonni kunneen karaa nagaan raayyaa Ittisa biyyaa Ityoophiyaatti harka akka laatan Paartiin Dimookiraatawaa Tigraay ibsa isaan dhaamuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.