Fana: At a Speed of Life!

Paartileen siyaasaa magaalaa Finfinnee keessa socho’an 22 dhaabbilee hawaasummaa barbadaa’an 4 deebisanii ijaaruufi

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC)- Paartileen siyaasaa magaalaa Finfinnee keessa socho’an 22 naannolee Amaaraa fi Affaaritti dhaabbilee hawaasummaa barbadaa’an 4 deebisanii ijaaruuf ta’uu koreen waloo deeggarsa walitti qabduu Paartilee kanneenii ibse.

Paartileen kunneen waamicha duula birmadummaaf taasifameen mootummaa cina dhaabbachuun hojii deeggarsa walitti qabuun, prooppogaandaan, nageenyaan, calallii duultota adda waraanaa fi kanneen biroon ga’ee mataa isaanii ba’achaa turuu walitti qabaan korechaa Abrahaam Hayimaanot  ibsaniiru.

Dhaabbilee garee shororkeessaan barbadaa’an deebisanii dhaabuu fi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruuf dursa kennuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan paartileen magaalicha keessa sochan 22 naannolee Amaaraa fi Afaaritti Hospitaala tokko tokkoo fi manneen barnootaa tokko tokko waliigala dhaabbilee 4 naannolee kanneen keessatti ijaarsisuuf murteessuu ibsaniiru.

Hojii kanaaf hojii galii walitti qabuu eegaluu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.