Fana: At a Speed of Life!

Paartileen siyaasaa filannoo naannawaarratti akka hirmaatan gaafataman

Finfinnee, Hagayya 28, 2014(FBC)- Paartileen siyaasaa filannoo naannawaarratti dammaqinaan akka hirmaatan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa gaafate.

Boordichi filannoo naannoo yeroo 5ffaaf gaggeeffamu ilaalchisee paartilee siyaasaa waliin Yuunivarsiitii Finfinnee Wiirtuu Qorannoo Federaalizimiifi Bulchiinsaatti mari’ateera.

Filannicha naannolee waliin mari’achuun bara 2015 kan gaggeeffamu ta’uu walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaan dubbataniiru.

Filannoo naannoon miseensonni mana mare sabaa, godinaa, aanaafi gandaa kan itti filataman ta’uu seera filannoo keessatti ibsameera.

Ityoophiyaa keessatti kanaan dura filannoon naannoo 4 kan gaggeeffaman yoo ta’u, filannichi erga gaggeeffamee waggoota 9 lakkoofsisuu EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.