Fana: At a Speed of Life!

Paartilee siyaasatiif yeroo qilleensaa ramaduuf qophiin taasifameera

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Paartileen siyaasaa sagantaa fi kaayyoo isaanii karaa miidiyaaletiin akka beeksifatan ramaddii yeroo laachuuf qophiin taasifamuu Abbaan Taayitaa Broodkaastii Ityoophiyaa.
 
Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dooktar Geetaachaw Dinquun akka beeksisanitti, miidiyaalen yeroo qilleensaa fi fuula maxxansoota isaaniirratti paartilee siyaasatiif bakka akka laatan ni taasifama.
 
Yeroo qilleensaa fi bakka maxxansaa fudhatanirratti kakaasii filannoo ni taasisu.
 
Ramaddiin qilleensichaas teeknooloojidhaan deeggaramuun tuttuqqii namaarraa bilisa ta’eet gaggeeffama jedhan Dooktar Geetaachaw.
 
Daayreektarichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, abbaan taayitichaa ramaddicha raawwachuuf murtee Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa eegaa jira.
 
Miseensi boordichaa aadde Bizuuwarq Kattataan gama isaanitiin, tarsiimoon koominikeeshinii waldaalee siiviikii, paartilee siyaasaa fi ummata hammatu qophaa’aa jira jedhaniiru.
 
 
Balaay Tasfaayetu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.