Paartiin Badhadhinaa Nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)- Paartiin Badhadhinaa adda durummaan nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu hoggantoonni paartichaa ibsan.
Nageenya waaraa cimsuu, karoora misoomaa fi badhaadhinaa biyyaalessaa milkeessuuf tattaaffiiwwan hunda galeessaa eegalaman cimanii kan itti fufan ta’uu himaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Ibiraahiim Yuusuuf, Paartichi hunda caalaa misoomaa fi nageenyaaf dursa kennuun hojjecha akka jiru kaasan.
Kanaanis bu’aan qabatamaan galmaa’uu ibsanii, misoomaa fi badhaadhina hunda galeessaa biyyaalessaa milkeessuuf tattaaffii fi hirmaanaan taasifamu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Misooma biyyaaf, haqa qabeessummaa fi fayyadamummaa waloo dhugoomsuunf taattaaffii olaana taasisuu yaadachiisanii, fuulduratti tattaffii olaanaan akka taasifamu mirkaneessanniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Alamaayyoo Baawud, Paartichi hunda caalaa nageenyaaf dursuun, misoomarratti ammoo halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Kanaanis bu’aaleen kan galmaa’an ta’uu eeranii, dirree siyaasaa bal’isuu fi aadaan rakkoolee mariin furuu akka cimuuf tattaaffin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Partichi yaa’iisaa jalqabaan kallattii kaa’een adeemsa mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaru, aadaa siyaasaa qaroome ijaaruun bu’aa galmeessuu dubbataniiru.
Itti Gagafatamaan Waajjiira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaa Fiqiree Amaan gama isaaniin, jijjiiramaan booda dameewwan hundan bu’aaleen qabatamaan galmaa’uu kaasaniiru.
Yeroo garaagaraatti pirojektoota eegalamanii turan xumuruun tajaajilaaf gama qaqqabsiisuun raawwiin mul’ate kan dinqisiifatamuu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia