Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhadhinaa miidhamtoota Godina Goofaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC)–Wajjirri Paartii Badhaadhinaa, waajjiraalee dameewwan isaa waliin ta’uun miidhamtoota Godina Goofaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasiseera.

Deeggarsichaas Jilli Itti Gaafatmaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaa Paartichaa Adam Faaraahiin durfamu Mootummaa naannichaatti dabarseera.

Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilaahuun Kabbadaan deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Obbo Adam Faaraah sirna walharkaa fuudhiinsa deeggarsicharratti haasawaa taasisaniin, balichi gaddisiisaa fi balaawwan biroorraa hammam namni namaaf wareegama akka kaffalu kan mul’iseedha jedhan.

Hammeenyi balichaa Itiyoophiyaarra darbee addunyaa kan rifaasiise ta’uu kaasuun, ummanni Itiyoophiyaas aadaa waldeeggarsaa ifatti kan mul’ise ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.