Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa yaa’iisaa 1ffaa gaggeessuufi

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa yaa’iisaa 1ffaa Bitootessa 2 hanga 4 ni gaggeessa jedhameera.

Yaa’ichi mata duree ‘qormaatarra gara olka’insaatti’ jedhuun gaggeeffama jedhameera.

Yaa’ichaanis hoggantoonni paarticha ga’umsaan hoggannaan ni filamatuu jedhameera.

Yaa’ichaafis sanadnii fi meeshaalee barbaachisoon guutamaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa har’aarra eegalee miseensoonni paartichaa sadarkaa gadirra jiran konfiraansii ni gaggeessuu.

Paartiin Badhaadhinaa miseensa miiliyoona 11 ol akka qabu ibsameera.

Hojii raawwachiiftoonni olaanoonii fi miseensonni koree giddugaleessaa ajandoota adda addarratti mari’achuun kallattii ni kaa’uun eegama.

Yaa’ichi magaalaa Finfinneetti kan gaggeffamu yoo ta’uu, sagaleen kan hirmaata 1600 fi sagaleen ala kan hirmaataan ammoo 400 hirmaattooni akka jiranis ibsameera.

Yaa’icharratti abbootiin amantaa,jaarsooliin biyyaa, namoonni siyaasaa miseensonni dhaabbilee michootaa biyyoota 38 irraa walitti babba’aan ni hirmaatu.

Yaa’icha ilaalchisees ibsa kanaa laataan hogganaa paartichaa obbo Adam Farihaa fi hojii raawwachiiftoonni olaanoo miseensoota hoji raawwachiiftoota aadde Mifariyaat Kaamiil, obbo Binnaalf Andu’aalamii fi obbo Tasfaayee Baljigeeti.

Haayilyyeesuus Siyyuumtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.