Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Yaa’ii mata duree ‘qormaatarra gara Badhaadhinaatti’ jedhun gaggeesseen murtoo fi kallattiwwan kaa’amaniiru-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)-Itti aanaan preezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Dammaqaa Mokkonniin Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii mata duree ‘qormaatarra gara Badhaadhinaatti’ jedhun gaggeesseen murtoo fi kallattiwwan kaa’u ibsaniiru.

Obba Dammaqaan yaa’iin partichaa 1ffaa gaggeessee xumuramuu hordofee ibsa laataniiru.

Yaa’ichaanis jijjiirrama waggoota 4 fi imala paartichaa waggoota 2 gamaaggamuun qormaatilee muudataan akka muxannoo gaariitti adda baaseera.

Qormaatilee muudatan keessa kan yeroo dheeraa godaannisa siyaasa, hannaa, hojii maata badaa, rakkoo kenniinsa tajaajila, rakkoo nageenyaa fi tasgabbii, giddu seentummaa alaa, qaala’insii jireenyaa fi kanneen biroon kaa’aniiru.

Rakkolee muudatan keessaatti dandiitti dandamannaa uumuu danda’uu fi giddutti bu’aawwan fooyya’aa ta’aan galmeessuun danda’amuu ibsicha himaniiru.

Haayleyasuus Siyyumtu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.