Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii har’aan ajandaalee garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan dabarseera-Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Amajjii 24, 2017 (FMC)- Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii idilee har’a gaggeessaa ooleen ajandaalee garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan dabarsuu Itti Gaafatamaan Damee Quunnamtii Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsan.
Yaa’icharratti kanneen sagaleen hirmaatan kuma 1 fi 700 akkasumas hoggantoonni fi bakka bu’oonni paartilee obboleeyyaanii biyyoota garaagaraa 15 dabalatee keessummoonni biyya kessaa fi alaa afeeraman 400 hirmaachuun ibsameera.
Dooktar Biqilaa Hurrisaan oolmaa yaa’ichaa har’aa ilaalchisuun ibsa kennaniin akka jedhanitti, yaa’ichi karaa diimookiraatawaa ta’een kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun gaggeeffamaa jira.
Olmaa har’aanis waltajjicha Pireezidaantii fi miseensota dursan filachuun ajandaalee garaagaraatti mari’achuun raggaasisuu dubbataniiru.
Gabaasaa koreen qopheessituu dhiyeessanii fi dambii naamusaa walga’ii irratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera jedhan.
Akkasumaas gabaasni Koree Naamusaa fi Inispeekshinii akkasumaas Koree giddugaleessaa dhiyaachuun ragga’uu, wixinee fooyyessa dambii ittiin bulmaataa paartii irratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasisuu ibsaniiru.
Yaa’ii jalqabaan booda hojiilee paartichaan hojjetamanii fi bu’aalee argaman, qormaatilee mudatanii fi qormaatilee darbuuf tarkaanfiileen fudhataman bal’inaan yaa’ichaan gamaaggamamuu kaasaniiru.
Yaadamni badhaadhinaa kutaalee hawaasaa hanga sadarkaa gadiitti diriiruu fi yaadamni kunis aadeffatamaa dhufuu mirkanaa’uun eerameera.
Yaa’ichi boru itti fufee kan gaggeeffamu yoo ta’u, Pireezidaantii fi Pireezidaantii Itti Aanaa dabalatee filannoon hoggantoota biroo kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
Haaluma kanan har’aa filannoon koree filachiiftuu gaggeeffamuun, oolmaan yaa’ichaa har’aa karaa hirmaachisaa fi dimookiraatawaa ta’een xumuramuu kaasuu TOI gabaaseera.
Yaa’ichaan murtoowwan waggoottan itti aanaan hojiirra oolan kan irratti murtaa’u ta’uus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia