Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’uu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarse

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa Ayyaanni Shawaal Iid Hambaa Addunyaa ta’ee UNESCO’tti galmaa’uu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Paartichi dameewwan misoomaa xiyyeeffannaan raawwachiisuuf qabate keessaa dameen tuuriizimii tokko ta’uu Pireezidaantiin Ittaanaa Paartichaa Obbo Adam Faaraah beeksisaniiru.

Obbo Adam ergaa dabarsaniin bakkeewwan hawwata tuuriizimii uumamaa fi namtolchee Itiyoophiyaatti argaman akka dagaaganii fi imala badhaadhinaaf humna akka ta’aniif Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Ayyaannii Shawal Iid Dhaabbata Barnootaa Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’uun tattaaffii damee tuuriizimii cimsuuf taasifamu akka cimuu fi babal’atu kan taasisuudha jedhaniiru.

Murteen seena qabeessi kanan Magaalaan Harar hambaalee lama UNESCO’tti kan galmeessite ta’uu Obbo Adam dubbataniiru.

Itiyoophiyaan hambaalee hedduu galmeessisuun Afrikaarraa addaa duree ta’uun, gammachuu guddaadha jedhanii, fuuldurattis kabaja ayyaanichaa daran haala miidhagaa ta’ee fi haala beekkamtii addunyaa madaaluun akka gaggeeffamu, magaalattiin bakka filatamtuu tuuristootaa akka taatu Paartiin Badhaadhii hojiilee bal’aa hojjechuu kan itti fufu ta’uu mirkaneesaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.