Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa rakkoolee naannoo Oromiyaatti mudatan furuun obbolummaa fi nageenya wareessuuf ni hojjeta – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa rakkoolee naannoo Oromiyaatti mudatan furuun obbolummaa sabdaneessaa fi nageenya wareessuuf kan hojjetu ta’uu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsan.
Paartichi gaaffii ummataaf deebii madaalu kennuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoolee gama nageenyaa, kenniinsa tajaajilaa, qaala’iinsa jireenyaa fi hojii dhabdummaan mul’atan dhimmoota furmaata waaraa barbaadan ta’uu marii ummata waliin taasiifamuun adda ba’uu himaniiru.
Paartichi rakkoolee naannichatti adda bahan furuun nageenya waaraa fi obbolummaa sabdaneessaaf kan hojjetu ta’uu Dooktar Biqilaan dubbataniiru.
Afawarqi Iyyaayuutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.