Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Sidaamaa hoggantoota mootummaa fi paartichaa waliin marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa naannoo Sidaamaa hoggantoota mootummaa fi paartichaa waliin gamaaggama raawwii hojii kurmaana1ffaa bara baajataa 2013 gaggeessaa jiraachuu ibsame.
Preezdaantiin naannichaa obbo Dassitaa Leeddaamoon waltajjicha eegalchiisaniiru.
Hojmaata dhaabbata cimaa taasiisuuf sirni hoggansaa gocharratti xiyyeeffate kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.
Ummata naannichaa misoomaa fi bulchiinsa gaariirraa fayyadamoo taasiisuuf waltajjii kaayyeeffame ta’uu himaniiru.
Bu’aa bulchiinsa gaarii fi ijaarsa sirna demookraasiirratti argame fi hanqinaalee raawwii hojii keessatti muudatan adda baasuun sirna bulchiinsaa cimsuuf waltajjii gaggeeffamu ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Sidaamaa obbo Abrahaam Maarshaaloon ibsaniiru.
Waljachuun kun guyyoota afuriif kan turu ta’uu eerrameera.
Waltajjii kanarratti hoggantoonni waliigalaa naannichaa fi bulchitoonni aanaalee fi magaalotaa hundi hirmaachuu ragaan mootummaa naannichaarra argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.