Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Hararii haala yeroorratti hayyoota waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa naannoo Hararii haala yeroorratti hayyoota dhaabbilee olaanoo naannicha keessatti argaman waliin mari’ateera.

Weerara yeroo 3ffaa biyyarratti baname yeroo dhumaaf dhabamsiisuuf tokkummaan hojjechuun murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa Obbo Abduujabbaar Mahaammad ibsaniiru.

Raayyaa Ittisaa birmadummaa kabachiisuuf wareegame kaffalaa jiru tumsuun dirqama ta’uu yaadachiisaniiru.

Waraanni kun mootummaan dirqamee kan itti seene ta’uu hayyoonni hubachuu qabu jedhan.

Hayyoonni ilaalcha siyaasaa kamiiyyuu qabataniis biyya baraaruuf mootummaa cinaa dhaabbachuu akka qaban gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.