Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Beenishaanguul Guumuuz ramaddii hoggantootaa olaanoo fi giddugaleessaa karaa sabdaneessuummaa isaa eegeen gaggeesse

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa naannoo Beenishaanguul Guumuuz Konfaransii dhiyeenya gaggeesse hordofee ramaddii hoggantootaa olaanoo fi giddugaleessaaf karaa sabdaneessuummaa isaa eegeen taasiisuu beeksiseera.

Haaluma kanaan godina Matakkalitti hojii caasaa deebisanii gurmeessuu fi haaromsa gaggeeffameen hoggantoonni qajeelcha barnootaa, Daldalaa, Qonnaa fi qabeenya uumamaa, Haqaa, Bishaanii fi Albuudaa akka haaraatti ramadamaniiru jedhame.

Bulchaa olaanaan Aanaa Wambaraa fi itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa aanichaa hoggansa haaraan bakka akka bu’an taasiifameera.

Itti aanaan Bulchaa Aanaa Bulanii fi itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa aanichaa hoggansa haaraan bakka akka bu’aniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Dibaaxxiis kaafamuun hoggansa haaraan bakka ‘uu ibsameera.

Bulchaa olaanaan Aanaa Maanduraa kaafamuun hoggansa biroon bakka bu’aniiru.

Bulchaa olaanaan Aanaa fi Itti aanaan Bulchaan Aanaa Gubaas jijjiirramaniiru jedhame.

Sadarkaa godina Matakkalitti:-

1. Obbo Malkaamuu Baashawaal itti gaafatamaa Waajjira Bartootaa Godina Matakkal

2. Obbo Taklee Waaneeyaa itti gaafatamaa Waajjira Bishaanii fi Albuudaa Godina Matakkal

3. Obbo Gabayyahu Gaagoodee itti gaafatamA Waajjira misooma magaalaa fi Daldalaa Godina Matakkal

4. Obbo Abbabaa Indiriis itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Qabeena Uumamaa godina Matakkal

5. Aadde Qaalkidaan Toomaas itti gaafatamtuu Waajjira Haqaa godina Matakkal ta’uun muudamaniiru.

Akkasumas – obbo Bulchaa olaanaa Aanza wambaraa

– Obbo Asaayyee Daayyoo itti aanaa bulchaa aanaa Bulanii

– Obbo Daamxoo Goobanaa itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa aanaa Dibaaxxii

– Obbo Biimir Amsaayyaa bulchaa olaanaa aanaa Maanduuraa

– Aadde Buseenaa Rajab bulchaa olaanaa aanaa Gubaa

– Obbo Baakkee itti aanaa bulchaa Aanaa Gubaa ta’uun muudamuu isaanii Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Beenishaanguul Guumuuz beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.