Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Miseensota Koree giddugaleessaa filachaa jira

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 1ffaa gaggeessaa jiruun Miseensota Koree giddugaleessaa filachaa jira.

Paartichi oolmaasaa har’aan  Miseensota koree giddugaleessaa rakkoolee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Ityoophiyaa furuu danda’an filaa jiraachuu ibsameera.

Hogganaan damee sabquunnamtii fi hariiroo idil addunyaa paartichaa Dooktar Biqilaa Hurriisaa ibsa laataniin miseensonni koree giddugaleessaa 225 kan filataman ta’uu ibsaniiru.

Eeruun kadhimamtootaa karaa diimokiraatawaa fi hirmaachisaa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Paartichi korecha erga filateen booda filatamtoonni miseensota hojii raawwachiistuu kan filan ta’uu eeraniiru.

Miseensonni Inspeekshinii fi komiishinii namuusa kan filataman ta’uu ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.