Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa miseensota Koree Giddugaleessaa 10 raggaasise

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)-Magaalaa hawaasatti gaggeeffamaa kan jiru yaa’iin ariifachiisaa waliigalaa 1ffaa Paartii Badhaadhinaan miseensota koree giddugaleessaa ta’anii akka dabalamaniif dhiyaataan miseensota 10 raggaasiseera.

Yaa’ichi oolmaasaa har’aa sa’aatii boodan Waajjira Olaanaa Paartichaatti Itti Gaafatamaa Damee Siyaasaa Obbo Abrahaam Allalinyiin miseensota koree giddugaleessaaf akka filaman dhiyataan raggaasiseera.

Haaluma kanaan Juul Naangaal Gambeellaarraa, Qabbalee Mangashaa Ummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaarraa, Maskaram Dabbabaa Oromiyaarraa, Taaddasaa Gabiratsaadiiq, Abrahaam Ayyaalawu, Diyaaqoon Tasfaahuun Baanteyaabbil, Dassaalanyi Xaasawu, Warquu Haayilamaariyaam, Zawudu Maaladaa fi Mahaammad Yaasiin Naannoo Amaaraarraa kanneen filamaniidha.

Obbo Abirahaam miseensonnii koree giddugaleessaa ta’aanii akka dabalamaniif kallatti Boordiin filannoo Biyyaalessaa kenne hordofee bu’uura dambii ittiin bulmaataa Paartichaa Keyyata 17, keeyyata xiqqaa (F)tiin akka ta’ee yaa’ichaaf ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.