Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Milkaa’ina marii biyyaalessaaf deeggarsa taasisuu akka itti fufu ibse

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa milkaa’ina marii biyyaalessaaf deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu Dursaan Ittaanaa Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faarah Ibsan.

Marii biyyaalessaarrattis dammaqinaan hirmaachuuf qophiin taasifamuu Obbo Adam dubbataniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad miseensota Koomiishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin raawwii hojiilee koomishinichaarratti mari’ataniiru.

Waltajjichaarrattis Komishinarri Olaanaa Koomiishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeessar Masfiin Ar’ayaan, hojilee hanga ammaatti hojjetan irratti ibsa kennaniiru.

Waltajjicharratti kan hirmaataan Dursaan Ittaanaa Pireezidaantii Paartichaa Obbo Adam Faarah Ibsan Obbo Adam Faarah akka jedhanitti hojiilee hanga ammaatti koomishinichi hojjete jajjabeessaa ta’uu TOI gabaaseera.

Keessumaa marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaa taasisuuf, hirmaannaa qaamolee hundaa mirkaneessuuf tattaffiin taasisee kan dinqisiifatamuudha jedhan.

Fuuldurattis eenyurraa maaltu akka eegamuu adda baasuu fi hojiilee hafan milkaa’inaan raawwachuuf koomishinichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achaa jiraachuu ibsa kennamerraa hubachuu ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa dhimmoota ijoo biyyaalessaarratti waliigaltee uumuu kan dandeessisuu fi nageenya waaraa Itiyoophiyaatti mirkaneessuuf, imala badhaadhinaa saffisiisuu akka dandeessisuuf miseensota paartichaa waliin waliigalteerraa ga’amuu himaniiru.

Paartichi akka qaamaa qoodaa fudhataa tokkootti marii biyyaalessaarratti dammaqinaan hirmaachuu fi marichi erga xumuramees bu’aa marichaa hojiirraa oolchuuf qophii barbaachisaan taasifamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.