Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa jijjiirrama akka biyyaatti eegalame galmaan ga’uuf humna guutudhaan hojjeta jedhame

infinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa jijjiirrama akka biyyaatti eegalame galmaan ga’uuf humna guutudhaan ni hojjeta jedhan obbo Tasfaayee Beeljigeen.

Hogganaan damee siyaasaa Paartii Badhaadhinaa obbo Tasfaayee Beeljigeen waltajjii paartichi Adaamaatti gaggeessaa jirurratti argamuudhan ergaa dabarsaniiru.

Jijjiirrama akka biyyatati eegalame, tokkummaa sabdaneessummaa, walqixxummaa fi demokraasii sirrii ijaaruuf humna guutudhaan hojjetama jedhaniiru.

Gaaffii siyaasaa biyyattii deebisuun fayyadamtummaa haqa qabeessa, tokkummaa sabdaneessummaa, walqixxummaa, federaaliizimii fi demokraasii sirrii ijaaruuf humna guutudhaan hojjetama jedhan.

Prooppaagaandaan hundee hin qabne jijjiirrama eegalame hin gufachiisus jedhaniiru.

Waltajjichaan raawwiin bara 2012 gamaaggamamuun, kallattii hojii bara jalqabameerratti ni mari’atama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.