Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa gamoo olaanaa ijaarsise har’a ni eebbisiisa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa gamoo ammayaa waajjira olaanaa ijaarsiise har’a ni eebbisiisa jedhameera.

Sirna eebbicharratti Preezdaantiin Paartiichaa Dooktar Abiy Ahimad, Itti aantoonnii fi hoggantoonni paartichaa olaanoo biroon ni argamuun kan eegamuu ta’uu Ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarra argame ni muul’dhisa.

Gamoon waajjira Paartii Baadhaadhinaa kun abbaa darbii 9 yoo ta’uu, basii Birrii miiliyoona 800 fi miiliyoona 95 ijaarramee jedhameera.
Gamichi of keessaattis galmootaa bashannanaa adda addaa kan qabuu fi ijaarsa gamochaarratti hojjettoonni kumni 3 ol hirmaataniiru.
Akkasumas gamoon kun lafa kaaree meetira kuma 4 fi 700 irra buufateera.
Saganticha eebba gamoo kanarratti haasaa kan taasisaan Preezdaantiin paartichaa MM Abiy Ahimad, gamoo miidhagaa ijaaruu qofaa osoo hin taane yaada miidhagaa uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Gamoo miidhagaa ijaaruun biyyaa oomishaa fi yaada miidhagaa uumuu qabna jedhaniiru.
Itt aanaa preezdantii paartii badhaadhiinaa obbo Adam Faraah ijaarsi gamoo kana buusii miseensi paartiin buusee fi deeggarsa argameen ijaarrame jedhaniiru.
Yismaaw Adaaraatu gabaase
Suuraan dhaabbata Preesii Ityoophiyaarraati

 

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.