Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Yuunaaytiid Raashiyaa waloon hojjechuuf waliigaltee mallateessan

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Yuunaaytiid Raashiyaa dhimmota waloorratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallateessaniiru.
Waliigaltichi hariiroo obbolummaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa baroota dheeraa lakkoofsisee yaada keessa kan galchee fi qabxiwwan dhimmoota sadarkaa paartiitin raawwatamaan waloo hojjechuuf dandeessissan irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Waliigaltichi waajjira olaanaa Badhaadhinatti Hogganaa Damee Idil Addunyaa fi Qunnamtii Hawaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa fi Paartii Yuunaaytiid Raashiyaatti itti aanaan hoogganaa hariiroo idil addunyaa Andiiroo Kiliimoov mallateessaniiru.
Sadarkaa biyyoolessaatti Paartiin Badhaadhinaa hojiiwwan bu’a qabeessaa galmeessaa akka jiruus ibsi taasifameera.
Paartii Yuunaaytiid Raashiyaatti itti aanaan hoogganaa hariiroo idil addunyaa Andiiroo Kiliimoov gama isaaniitiin, paartiin isaanii dhimmoota garagaraatti Paartii Badhaadhinaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.