Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Kooministii Chaayinaa hariiroo isanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Kooministii Chaayinaa hariiroo isanii cimsuuf waliigalaniiru jedhame.

Itti Gaafatamaan Waajjira Olaanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahii fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Ziihaa’oo Ziihii’oon haala yeroo Ityoophiyaa fi Chaayinaarratti mari’ataniiru.

Haala hariiroon Paartiilee lameenii daraan cimuu danda’urratti mari’ataniiru.

Marichaan obbo Adam Faaraahiin deeggarsa gama maraa Paartiin Kooministii Chaayinaa, Mootummaa fi Uuummanni Chaayinaa Mootummaa fi Uummata Ityoophiyaaf taasisaniif galateeffataniiru.

Tattaaffii chaayinaan qajeeltoon dhimma keessoo biyyootaa keessa seenuu sadarkaa idil addunyaatti akka mirkanaa’uuf taasistuu dinqisiifataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Ziihaa’oo Ziihii’oon gamasaaniin, Paartiin Koministii Chaayinaa, Mootummaanii fi Uummanni Chaayinaa Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu mirkaneessaniiru.

Yaa’ii paartichi dhiyeenyatti gaggeesseen tumsa Chaayinaa Afrikaa cimsuuf kallattiin kaa’amuu kaasaniiru.

Hariiroo hunda galeessa Mootummaa Chaayinaa fi Ityoophiyaa  akkasumas Paartii Koministii Chaayinaa fi Paartii Badhaadhinaa gidduu jiru daraan  kan cimsan ta’uu eeruu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.