Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa erga baga ittin isin gahee dabarse

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Paartiin Badhaadhina kabaja Guyyaa Sabaaf Sablammoota Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa ilaalchisuun erga baga ittin isiin gahee dabarseera.

Paartichi kabaja guyyaa Sabaaf Sablammoota fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa mata duree ’’Heddumminnii fi walqixxummaan Tokkummaa Biyyalesssaaf ” jedhuun Naannoo Somaalee Magalaa Jigjigatti kabajama jiruun Ummatoota Itiyoophiyaa maraan baga ittin isin gahe jedheera.

Paartichi jijjirama booda dhimmoota xiyyeeffannoo addaan kennuun hojjetamaa jiran keessaa adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti seennessii fi haaloof wantoota ka’umsa ta’anii akkasumas sirni mootummaa akka hinjiraannee fi dhimmoota garaagarummaa bal’isan balleessuun furmaata kennuun hojii mootummaa jalqabaa akka ta’e eereera.

Seenaa ijaarsa mootumma Itiyoophiyaa keessatti akka biyyaalessaatti dhimmoota ittin qoramne keessaa, gaaffii heddumminaa keessummeessuu keesatti rakkoolee mudatan ta’uu Paartichi ibsa baseen akeekeera.

Paartichi jijjiiramaan booda yaadota irratti waliigalame daandii biyyaalessaa, yaadama ida’amuu, eenyummaan biyyaa uumama ta’uu isaaf beekkamti kan kenne, sabdaneessummaan keenya qabeenyaa malee sodaa akka hintaane kan hubate, Itiyoophiyummaan eenyummaa waloo keenyaa ta’uu isaa fi eenyummaa sabaa kan hinfaallessine akka ta’e amanuun kan imale ta’uu ibseera.

Paartiin Badhaadhina dimookiraasi malee tokkummaaf sabdanneessummaa uumuu akka hindandeenye kan hubatu ta’uu ibseera.

Tattaaffiin kunis bu’aa qabeessa akka ta’uuf shoora olaanaa bahachaa kan jiru yaadama dhabbatummaa ta’uu eeruun, gaaffii ummatonni Itiyoophiyaa kaasan hundaaf itti fufiinsaan deebii laachuuf paartichi kan hojjettu ta’uun eereera.

Waliigalaatti dhimmoota walitti hidhamiinsa obbolummaa ummatootaa gidduu cimsan, rakkoon tokkoon tokkon keenyaa kan waloo keenyaa akka ta’e hubachuun, egeree biyyaa mirkanneessuun waloon dhaabbachuun sirna siyaasaa ijaaruun akka danda’amee paartichi eereera.

Guyyaan Sabaaf Sablammoota fi Ummatoota Itiyoophiyaa ,tokkummaa sabdanneessuummaaf riqichaa gara sennessa biyyalessummatti ceesisuu akka ta’e ibseera.

Tokkumaa sabdannessummaa uumuu yoo dandeenye, walkabajuu, waldanda’uu fi waliif yaaduun dhaloota cimaa uumuu ni dandeenyas jedheera.

Kabaja guyyaa Sabaaf Sablammoota fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa fakkeenya Sabdannessumma kan taatee Magaalaa Jigjigaatti wayita kabajnu seennessa biyyaalessummaa dhalootaf dhufuuf ijaaruuf ta’uu akka qabus ibseera.

Heddumminni fi walqixummaan tokkummaa biyyaalessaa mirkaneessuuf faayidaa qabu hubachuun ijaarsi birmadummaa biyya kabajamtee fi sodaatamtee ijaaruuf hundi gahee isaa akka bahatuuf Paartichi waamicha dhiyeessera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.