Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa dhimma nageenya biyyaattii eegsisuurrattti bal’inaan mari’ateera-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Amajjii 17, 2016 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa walga’ii guyyoottan muraasa darban gaggeesseen dhimmoota nageenya biyyaalessaa eegsisanirratti bal’inaan mari’achuu Pireezidantii Ittaanaan Paartichaa Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Obbo Tamasgeen turtii FBC waliin taasisaniin biyyatti naannawaa tokko tokkotti tasgabbiin dhabamuu mul’atuun alatti nageenyi fooyya’aan jiraachuu ibsan.

Paartiin biyya bulchaa jiru qaamolee hidhatan waliin marii heeraa mootummaa bu’uureffate taasisuuf karri marii banaa ta’uu paartichi walga’ichaan mari’achuu kaasan.

Dhaabbilee nageenyaa irratti jijjiiramoonni gaggeeffamaa jiran, shira alaas ta’e keessaa Iitiyoophiyaarratti aggaamaman haala dhaabuu danda’anirra akka ga’an taasiseera jedhan.

Keessumaa dhaabbilee biyyaa fi ummata isaaniif wareegama kaffalan irratti duulaa maqa balleessii gaggeemuu dhaabuuf paartichi hojiilee garaagaraa hojjechuu jalqabuu ibsaniiru.

Walga’ii paartichi gaggeesseen keessumaa dhimmoota nageeyaarratti mariiwwan ummataa akka gaggeeffaman murteen darbuu Obbo Tamasgeen dubbataniiru.

Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.