Fana: At a Speed of Life!

Paartiileen siyyaasaa naannoo Soomaalee keessa socho’an yeroon filannoo biyyaalessaa dheerachuun waan ta’uu qabu jedhan

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) –Paartiileen Siyaasaa Naannoo Soomaaleetti argaman haala yeroo fi biyyaarratti marii waloo taasisaniiru.
 
Marii kanarratti Paartiin Soomaalee Lixaa, Paartiin Gamtaa Demookraasii fi tokkummaa,Paartiin Duboo fi Daginoo,Paartiin Dilwabii,fi Paartiin Badhaadhinaa hirmaataniiru.
 
Xumura Baatii Hagayyaa filannoon biyyaalessaa gaggeeffamuuf ture sababa tatamsa’ina weerara COVID-19 dheerachuun isaa sirrii ta’uu, paartileen siyaasaa kunneen himaniiru.
 
Dhimma siyaasaarratti waliin dubbachuun kan danda’amu nageenyi lammiilee yoo eegamedha jedhan.
Waa hunda duraa lammiileen hundi tokkummaan weerara kana ittisuuf of eeggannoo gochuu akka qaban paartileen kunneen dhaamaniiru.
akka EBCn gabaaseetti hojiin ittisa weerara vaayrasii koroonaa cimee itti fufuu akka qabu bakka buutoonni paartilee kanneenii ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.