Fana: At a Speed of Life!

Paartiichi yaa’isaan nageenyaa fi qaala’insa jireenyaarratti kallattii ni kaa’an eegna-Jiraattoota magaalichaa

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa yaa’isaan guyyaa boruu gaggeessuun nageenyaa fi qaala’insa jireenyaarratti kallattii furmaata ni kaa’a jennee eegna jechuun Jiraattoota magaalaa Finfinnee himaniiru.

Paartiin badhaadhinaa yaa’ii waliigalaa guyyaa boruurra kasee guyyoota 3’f Finfinneetti kan gaggeessuu ta’uusaan yaa’ichaan dhimmoota waqtaawaa fi biyyoolessaarratti kallattii furmaata ni ka’aan eegama.

Daballii gatii, rakkoo nageenyaa fi tasgabbiin dhibuu addunyaarratti muuldhata jiru hordofee daballii gatii boba’aa fi gatiin zayita nyaata dabaluun rakkoo dacha qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattoonni kunneen himaniiru.

Rakkoon bulchiinsa gaarii, dhimmi nageenyaa, hannii fi alseerrummaan heddummaachuun hawaasa rakkoof saaxilaa jiraachuus kaasaniiru.

Paartichi rakkoo hawaasa kanaaf kallattii furmaataa ni ka’aa jennee eegna jechuun jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.