Fana: At a Speed of Life!

Paartichi Pirojektoonni Meeggaa horata akka ta’an qabatamaa taasisaa jira-Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Mudde 17, 2017 (FMC)- Paartiin Badhaadhinaa Pirojektoonni Meeggaa idaa utuu hinataane horata akka ta’aniif waadaa gale qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartichaa fi Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.

Dooktar Abrahaam Balaay waggoota jijjiiramaa keessa ijaarsa pirojektootaa fi hojilee misoomaa gaggeeffaman ilaalchisuun ibsa kennaniin, hoggansa pirojektii fi murtee kennuu Paartii Badhaadhinaan pirojektoota qulqullinaa fi saffisaan raawwachuuf humna jiru qabatamaan agarsiisuu kaasan.

Itiyoophiyaatti pirojektoota jalqabamanii achumaan hafanirratti jijjiirama hojmaataa fiduu dubbatanii, Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa dabalatee Madda Humna Kooyishaa fi Pirojektii Jallisii Magaci kan waggoota 15 oliif addaan citee ture akka itti fufu taasifamuu himaniiru.

Haaluma kanaan Paartichi akkaataa waadaa ummataaf galeen baajata ramaduun, jijjiirama hoggansa pirojektootaa taasisuun ijaarsi pirojektootaa akka gaggeeffamu taasisuu ibsaniiru.

Waggoota jijjiiramaatti, Pirojektoonni meeggaan idaa utuu hintaane horataalee akka ta’aniif akkaataa waadaa galeen qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektoonni jallisii jalqabamanii turan xumuramaa jiraachuu kaasanii, barana qofa ijaarsi pirojektoota jallisii sadii akka xumuraman himuu TOI gabaseera.

Qabeenyi umamaa, humni namaa ga’aa fi leenji’e jiraachuu kaasanii, misooma jallisii dabalatee hanga yeroo sadiitti oomishuun oomishtummaa guddisuun, gargaaramtummaa keessaa ba’uuf tattaaffii olaanaan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.