Fana: At a Speed of Life!

Paartichi Ityoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuuf hojiilee eegale cimsee itti fufa-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa qormaatilee injifannootti jijjiiruun Ityoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ceesisuuf hojiilee eegale cimsee kan itti fufu ta’uu Pireezidaantiin Paarticha fi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dubbatan.

Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii waliigalaa ariifachiisaa 1ffaa Magaalaa Hawaasatti gaggeessaa jira.

Yaa’icharratti Pireezidaantiin Paartichaa fi Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, paartichi yaa’ii waliigalaa isaa jalqabaan kallattiiwwan kaa’een hojiilee milkaa’oo raawwachiseera jedhan.

Yaa’ichaan booda walitti bu’iinsa marsaa 3ffaa mudate dabalatee qormaatilee hedduun mudachuu eeranii, paartichi qormaatilee kanneen injifannoon darbuun, milkaa’inaalee galmeessuun himan.

Murtoo “Ityoophiyaan qamadii alatti erguu qabdi” jedhuun barana biyyattiin qamadii alatti erguu akka eegaltuu himuun akka fakkeenyaatti kaasniiru.

Gama kanaan, kallattiiwwan yaa’ii paartichaa jalqabaan kaa’aman hojiirra oolchuuf hojiilee gaggeeffamaniin qormaatilee mudatan gara injifannootti jijjiiruun milkaa’ina galmeessuun kan irraa baratamu ta’uu ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa erga hundeeffamee waggoota muraasa lakkoofsisus, miseensota horachuun paartii sadarkaa biyyaalessa fi idil addunyaatti eeramu ta’uu dubbataniiru.

Paartichi biyya Afrika adda duree jedhamtuu hogganuun walqabatee fuulduratti hojiilee bal’aan akka eeggatuun kaasuunii, kanaafis beekumsaa fi hubannaan waldeeggaruu fi waldhaga’uu barbaachisa jedhan.

Ityoophiyaan abdii guddachuu kan qabdu ta’uus ibsanii, imala guddina biyyattiif gufuulee jiran hambisuun akka barbaachisuus ibsaniiru.

Keessumaa seenaawwan darban madda walitti bu’iinsaa ta’uu akka hinqabne, dogoggoroonni seenaa kaleessaa akka irra hindeebi’amne hojjechuun egeree fooyya’aaf waloon dhabbachuu qabna jedhan.

Waraana mudate qindoominaan waloon dhaabuun akka danda’ame nageenyaa waaraa mirkaneessuuf gahee gama keenyaa bahachuu qabnas jedhaniiru.

Qabsoon hannarratti eegalames cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Fuulduratti, miseensonni paartichaa qormaatilee mudatan gara carraatti jijjiiruun Ityoophiyaa fooyyoftuu ijaaruuf hojiileen eegalaman akka milkaa’aniif kutannoon hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Kallattiiwwan yaa’ii ariifachiisaa kanarratti kaa’aman hojiirra oolchuuf paartichi kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah gama isaaniin yaa’ii waliigalaa paartichaa hordofee gaaffiilee ummataa gama deebisuun hojiilee milkaa’oon hojjetamuu dubbataniiru.

Keessumaa qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf furmaata yeroo kennuutti dabalataan misooma qamadii irratti hojiilee olaanoon hojjetamaniiru jedhan.

Hojiilee diimokiraasii keessoo paartichaa gama cimsuun hojiilee fooyya’oon hojjetamuu kaasanii, Paartiin Badhaadhinaa, ijaarsa dhaabbilee diimokiraasiif murannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Gama kanaan sirreeffamaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa yaa’ii jalqabaa paartichaarratti kenne simatee kan qajeelchu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.