Fana: At a Speed of Life!

Paartichi cimee ba’uuf gamaaggama gaggeessuu ifoomse

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa laafinasaa sirreessuun cimee ba’uuf gamaaggama gadi fagoo gaggeessuu ifoomse.
 
Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa guyyoottan lamaan darbanitti dhimmoota akka dadhabbiitti ka’an furuun, cimee ba’uun ummata tajaajiluuf gamaaggama gadi fagoo gaggeessuu miseensi koree giddugaleessaa paartichaa obbo Taarraqany Bulultaan beeksisan.
 
Jijjiirramaan booda ummanni misooma, diinagdee, hawaasummaan fayyadamaa akka ta’u hojjetama ajiraachuu ibsaniiru.
 
Dabalataan gaaffileen ummataas deebi’aa jiraachuu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Obbo Taarraqany paartichi laafinasaa sirreessee cimee ba’uuf gamaaggama gaggeessuusaa himan.
 
Hoggansa fedhii jijjiirramaa ummataa dhiisanii taayitaa itti laatame sirnaan ba’achuu dhabanirratti tarkaanfiin fudhatamuus ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan obbo Lammaa Magarsaa, aadde Xayibaa Hasanii fi Dooktar Milkeessaa Miidhagaan koree giddugaleessaa paartichaarraa ittifamuu eeran.
 
Obbo Lammaan waltajjiiwwanirratti akka hirmaatan irra deddeebiin waamichi taasifamuufis dhiyaachaa hin turre jedhan obbo Taarraqany Bulultaan.
 
Obbo Lammaa Magarsaan miseensummaarrayis akka ittifaman sagalee guutudhaan ragga’eera jedhan.
 
Maqaan aadde Xayibaa Hasan walitti bu’iinsota uumaman keessatti ka’aa tureera jedhanii, amma dhimmichi qoratamutti koree giddugaleessaarraa ittifamaniiru jedhan.
 
Dooktar Milkeessaanis naamusa paartichaa waan hin eeginiif tarkaanfiin irratti fudhatameera jedhan obbo Taarraqany.
 
Obbo Taarraqany paartichi ummataan walitti siqee ni hojjetas jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.