Fana: At a Speed of Life!

Paarlaamaan Soomaaliyaa muudama miseensota kaabinee 26 raggaasise

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Paarlaamaan Soomaaliyaa muudama miseensota kaabinee 26 raggaasisuu gabaafame.

Muudamichi ittaanaa hogganaa Al-Shabaab duraanii Muktaar Roobaaw of keessatti haammachuu CGTN gabaaseera.

Muummeen Ministiraa biyyattii Hamzaa Abdii Baaree kan dhiyeenya gara aangootti dhufan miseensota kanneen paarlaamaaf kan dhiyeessan pirezidaantii biyyattii Hasan Sheek Mahaammad waliin mari’achuun ta’uu eerameera.

Muudama miseensota kanneeniif sadarkaan barnootaafi muuxannoon isaanii ilaalcha keessa galchamuu  ibsameera.

Lammiileen biyyattii mootummaa haaraa akka deeggaran muummee ministeeraa biyyattii Hamzaa Abdii Baareen waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.