Fana: At a Speed of Life!

Paarkiiwwan magaalaa Finfinneetti ijaarramaa jiran Jiibuutii misoomaaf kan kakaasudha jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2013 (FBC) – Jilli Jiibuutii Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasiisa jiru Paarkiiwwan magaalaa Finfinneetti ijaarramaa jiran Jiibuutii misoomaaf kan kakaasu ta’uu ibsan.

Jilli kun Paarkii Tokkummaa fi Inxooxxoo daawwateera.

Fooramii Ityoo Jiibuutii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamerratti kan hirmaate jilli Tuuriizimii Jiibuutii, Manni Maree Daldalaa, Oppireetarri Tuurii, abbootiin Hoteelaa fi bakka buutoonni imalaa proojektoota magaalaa Finfinneetti ijaarraman kanneen dinqisiifataniiru.

Paarkoota magaalaa, proojektoota misooma magariisaa fi iddoolee seenaa qabeessa hojjetaman kanneen irraa muuxxannoo gaarii argachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.