Fana: At a Speed of Life!

Paarkiiwwan indaastirii keessatti invastimantii qonna qindaa’aaf haalli mijataan uumameera-Dr.Maksiimoo Toreeroo

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC)-Paarkiiwwan industirii Itiyoophiyaa keessatti invastimantii qonna qindaa’aaf haalli mijataan uumamuu Ogeessii Diinagdee Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Dooktar Maksiimoo Toreeroo ibsan.

Dooktar Maksiimoon, hojii Raawwachiisaa Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Doktar Fissahaa Yittaagasuu fi Xaaliyaaniitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaa waliin ta’uun haala oomishaa Paarkii Industirii Boolee Lammii daawwataniiru.

Paarkichatti sochii hojii Warshaa biqila Biiraa fi huccuu daawwataniiru.

Paarkiiwwan industirii keessatti dameewwan invastimantii garaagaraan keessumaa damee qonna qindaa’aan abbootii qabeenyaaf haalli mijataan uumamuu ibsan.

Adeemsi invastimantii kun diinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa akka qabaatu himuu ragaan korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.