Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Qonna Qindaa’aa Bulbulaa humna guutuun hojiitti galuun abbootii qabeenyaa hedduu akka simatu hojjetamaa jira – KMPIO

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC) – Paarkiin Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa humna guutuun hojiitti galuun abbootii qabeenyaa hedduu akka simatu hojjetamaa jiraachuu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Paarkiin kun humna guutuun hojiitti galuun abbootii qabeenyaa hedduu simachuun guddina diinagdee biyyattii keessatti qooda isaa akka ba’uuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Hojii Raawwachiiftuu Olaantuun Korporeeshinichaa Sannaayit Mabreen Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Adeemsi ijaarsa isaa namoota kuma 10 oliif carraa hojii uumuu ibsaniiru.

Paarkichi bu’uraalee misoomaa barbachisanii fi haala mijataa abbootii qabeenyaa hawwachuu danda’an, akkasumas humni simannaa isaa caalmaatti akka dabaluuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Paarkiin Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa hawwatummaa gaarii fi abbootii Qabeenyaa hedduu simachuuf humna guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Ammallee abbootiin qabeenyaa hedduun Paarkicha keessatti hojii eegaluu dubbataniiru.

Hanga ammaattis abbootii qabeenyaa 19 simachuu eeraniiru.

Paarkichi wayita guutummaan hojitti gale sharafa alaa argamsiisuurratti shoora olaanaa qabaachuu fi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusurratti karoora biyyattiin qabatte ni milkeesaan kan itti abdatame ta’uu eeraniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.