Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin biyyaalessaa Gaarreen Baalee Hambaa Addunyaa ta’uun galmaa’e

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Koreen Galmee Hambaalee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Addunyaa Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee hamabaa addunyaa ta’uun akka galmaa’u murtoo dabarseera.

Paarkiin kun Itiyoophiyaaf Paarkii 2ffaa Galmee Hambaa addunyaarratti galmaa’e yoo ta’uu, akka addunyaatti ammoo Paarkii 11ffaa ta’uun ibsameera.

Yaa’iin Hambaalee Addunyaa 45ffaan iddoolee hawwata Turizimii Itiyoophiyaa lama Hambaa Addunyaa taasiisuun galmeessuu ragaan Ministeera Turizimiirraa argame ni mul’isa.

Bineensonnii fi Biqiltuuwwan Itiyoophiyaa keessatti qofa argaman Paarkicha keessatti kan argaman ta’uu ibsameera.

Gosoota Biqiltootaa Paarkicha keessatti argaman kuma 1 fi 660 keessaa % 40 biqiltoota qorichummaaf oolaan ta’uu qorannoon gaggeeffamaa ture ni mul’isa.

Guyyaa kaleessaa haalli teessuma lafaa Geede’oo Hambaa Addunyaa ta’uun UNESCOtti galmaa’uun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.