Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee Hambaa Addunyaa ta’ee galma’uutti baga gammaddan – Pir. Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC) – Paarkiin Biyyaalessa Gaarreen Baalee Hambaa qabeenya Addunyaa ta’ee galmaa’uu isaa hordofee Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Yaa’ii 45ffaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii gaggeeffamaa jiru irratti Paarkiin Biyyooleessaa Gaarreen Baalee Hambaa qabeenya Addunyaa ta’ee galma’uu isaa hordofee Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Paarkii Naannoo Keenyaa dabalate qabeenya Turiiziimii biyyatti hedduuun beekamtii akka argatuufi dhaabbata kanaan akka galma’uuf hojii cimaa hojjechaa kan jiran jila Itiyoophiyaa Ministira Turiiziimiin durfamu, hoggansaa fi hojjettoota seektara kanaa akkasumas qooda fudhattoota seektara Turiiziimii mara, addatti immoo Ummata keenya qabeenya kana eeguufi kunuunsuun sadarkaa kanaan gahan maqaa koo fi maqaa mootummaa Naannoo Oromiyaatiin nan galateeffadha! Jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.