Fana: At a Speed of Life!

Paarkiin Addabaabayii Dargaggootaa jedhamuun moggaafame tajaajilaaf banaa ta’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Paarkii Addabaabayii Dargaggootaa jedhamuun moggaafame banuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Ityoophiyaan biyya dargaggootaa ta’uu fi dargaggoonni har’aa abdii baroota itti aananii ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Hojiileen hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa hojjetamu hundi fayyadamummaa dargaggootaa akka mirkaneessan taasiisuun dirqama keenya jedhan.

Dargaggoonni ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa kan qaban ta’uu isaaniin Addabaabayiin dhiheenya mana qopheessatti argamuu fi handhuura magaalaa jiru maqaa dargaggootaan moggaafamuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyya dargaggoota nageenya isheef dhama’anii fi wareegama kaffalan qabduudha jedhan sirna Addabaabayicha tajaajila eegalchiisuurratti haasawa taasiisaniin.

Dargaggoonni hundi tokkummaa biyyaaf akka dhaabbatan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.