Paarkii Gaarreen Baalee ‘UNESCO’tti galmeessuuf mootummaan deeggarsa taasisuuf qophiidha-Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Paarkii biyyaalessaa Gaarreen Baalee Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) galmeessuuf hojiin eegalame akka si’atuuf mootummaan deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himan.
Obbo Shimallis Paarkiin Gaarreen Baalee hambaa addunyaa ta’ee akka galamaa’uuf qorattoota UNESCO waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin paarkichi yaa hambaa addunyaa ta’ee galmaa’e faayidaa idil-addunyaa qabaaturratti, kallattii hojii fuulduraa fi adeemsa galmeessaarratti garee qorattootaa dhaabbatichaaf ibsa kennaniiru.
Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee da’oo bineensotaa fi allaattiiwwanii, bosonaa fi hawwattummaa teessuma lafaa addaan kan beekamu akka ta’e ibsaniiru.
Maqaa “Gaarreen walirraa hincinne” jedhamuun kan beekamu lafti olka’aan Godina Baalee bosona madaala qilleensaa eeguun beekamu Harannaa wajjiin hidhata akka qabus dubbataniiru.
Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee qabeenya addunyaa ta’ee galmaa’uun eegumsaafi kunuunsa paarkichaatiif faayidaa akka qabu dubbatan himaniiru.
Paarkii biyyaalessaa Gaarreen Baalee UNESCO-tti galmeessuuf hojiin eegalame akka si’atuuf, mootummaan deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu himuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Naannichaarraa argame ni mul’isa.
Obbo Shimallis Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee madda laggeen 40 olii yoo ta’u hirkoo jireenya lammiilee miiliyoon 30 olii Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessa jiraataniiti jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.