Fana: At a Speed of Life!

Paarkichi Zayita Avookadorraa oomishe yeroo jalqabaaf gabaa alaaf dhiyeesse

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Paarkiin Indaastirii Agroo Giddugaleessaa Diillaa Zayita Avokaadoorraa oomishe yeroo jalqabaaf gabaa Alaaf dhiyeessuu beeksise.

Zayita Avookaadoo leetira kuma 22 gabaaf dhiyeessuu himeera.

Zayinni yeroo jalqabaaf dabaree tokkoon oomishame leetirri kumni 22 gabaa alaaf dhiyaachuu eerera.

Yeroo itti aanu gabaa Awurooppaa fi Ameerikaaf dhiyeessuuf walitti hidhamiinsi gabaa uumamuu himameera.

Dabalataan Bunattis Sona dabaluun gabaa alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsameera.

Paarkii Indaastirii Diillaa keessati Abbootiin qabeenyaa 10 Zayita Avookaadoo, Bunaa, Aannanii fi Damma qindeessurratti bobba’uu Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Misoona Paarkiiwwan Indaastirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilahuun Birhaanuun dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.