Fana: At a Speed of Life!

Paakistaanitti shakkamtoonni kalee namoota guurratan to’ataman

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Poolisiin Kaaba Baha Paakistaan shakkamtoota qaama namaa saamaanii daldalan 8 to’achuu beeksiseera.

Hogganaan Gartuu Saamtotaa Qaama Namaa Fawaad Mukahataar namoota 300 ta’an irraa kalee baasuun namoota sooreyyii kaleen isaanii bakka buufamuuf bakka buuseera jedhamuun himatameera.

Namni kun amma dura yeroo shan hidhamee kan ture ta’us, yeroo shananuu mirgi wabiisaa eegameefii gadi lakkifameera.

Adeemsa kalee namoota qaama keessaa baasuu keessa Aanga’oonni biyyattii namootni sadii du’aniiru.

Gareen kun mana ofii keessatti kalee namootaa guurratanii warra maallaqa qaalii kaffalaniif achumatti mana keessatti baqaqsanii bakka buusuuf jedhameera.

Dabalataan Makaanikni konkolaataa tokko gargaaraa hojii sarjarii Mukahatar ta’uun namoota harka qalleeyyii hospitaala keessaa miliqsaa turuun himameera.

Kaleen dhukkubsattoota harka qalleeyyii keessaa baafamus Paawundii kuma 99 hanga 120 akka gurguramuu gabaafameera.

Paakistaan bara 2010’rraa eegalee daldalli qaama namaa seeraan akka nama gaafaachisu raggaasisuun kan yaadatamuudha.

Biyyattii keessa qaala’iinsa jireenyaa fi miindaan xiqqaa ta’uurraa kan ka’e, akkasumas seerri sirnaan waan hinraawwatamneef namoonni gurgurtaa fi daldala qaama keessoo namaarratti hirmatan dabalaa jiraachuun ibsameera.

Amajjii darbes ol adeemaa ganna 14 badee ture kaleen isaa keessaa fudhatamee laabiraatoorii keessatti argamuun booda, garee shakkamtoota gochicha duuba jiran Bulchiinsi Punjaab to’atee turuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.