Fana: At a Speed of Life!

Paakistaanitti ho’a olaanaa mudateen lubbuun namoota 500 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC)-Paakistaanitti sababii ho’a olaanaan, guyyoota jaha keessatti lubbuun namoota 500 ol darbuun ibsame.

Biyyatti naannwaa Kibbaatti ho’a hedduu dabalaa jiruun lakkoofsi namoota klubbuun darbanii dabalaa jiraachuun ibsame.

Haalli ho’aa digirii seentii gireedii 40 ol ga’uu, haalli qilleensa ho’aa nama ukkaamsu ammoo gara diigrii seentii gireedii 49 ta’u BBC’n gabaaseera.

Tibbana sababa ho’aa garmalee dabaleetiin namoota deeggarsa barbaacha gara Hospitaala siiviilii Kaaraachii dhaqan 267 keessaa lubbuun namoota 12 darbuu himameera.

Kanneen gara hospitaalichaa dhaqan keessa umriin issaanii waggaa 40 fi 20 ta’anilleen kan argaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii garuu gaheessoota umriin waggaa 60’mootaa fi 70’moota akka argaman ibsameera.

Namoonni kunneenis mallattoolee akka ho’a cimaa, garaa kaasaa, haqqisuu fi kan biroon irratti mul’ateera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.