Paakistaan fooramiin dippiloomaasii saayintifiki Ityoo-Paakistaan akka hundaa’uu gaaffii dhiyeessite
Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Paakistaan fooramiin dippiloomaasii saayintifiki Ityoo-Paakistaan akka hundaa’uu gaaffii dhiyeessitee
Fooramichi dhimmoota saayintifikiirratti biyyoonni lameen muuxannoo qaban akka wal jijjiirranii fi waloon akka hojjetaniif kan dandeessisuudha.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Shoozaab Abaas hoggantoota ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin biyyoonni lamaan dhimmoota damee teeknooloojii fi Innooveeshiniirratti waloon hojjechuuf dandeessisuurratti marii taasisaniiru.
Paakistaan fooramiin dippiloomaasii saayintifiki Ityoo-Paakistaan akka hundaa’uu gaaffii dhiyeessuushee ragaan ministeericharra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.