Fana: At a Speed of Life!

Dhimma waloorratti wal birra dhaabbachuu fi  Ijaarama siyaasaa cimaa qabaachuu qabna-Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC) – Dhimma waloorratti wal birra dhaabbachuu fi  Ijaarama siyaasaa cimaa qabaachuu qabna jedhan Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdisaa kana kan jedhan yaa’ii Caffee Oromiyaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jirurratti.

Dhimma waloorratti wal birra dhaabbachuu fi  Ijaarama siyaasaa cimaa qabaachuu qabna jedhaniiru.

Akkuma tiraaktaraa fi meeshaalee birootti hidhannoon ni barbaachisa jedhan.

Uummanni Oromoo yoo hidhatee fi yoo ijaarame diina kamuu ofirraa ittisuu fi qolachuun kabajamuu danda’a.Gaachanni sirnaa uumata keenyaaf bu’aa hedduu qaba jedhaniru.

Wixineen Labsii Gaachana Sirnaa Naannoo Oromiyaa Labsii lakkoofsa   245 / 2014  sagalee deeggarsaa 436       sagalee hin kenniin,  18 fi  sagalee mormii    1n  sagalee caalmaatiin ragga’eera.

Gammachiis Taarikuu, Daagmaawii Deeksisaa fi Afwarqi Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.